GOGAA LAAFAATTI MARUU

SEENAA Y.G (2005)*

Kutaa 1ffaa

Ummati Oromoo, Mirga Abbaa Biyyuummaa isaa kabachiisuuf, bakka maraa sagalee inni dhageesisaa jiru, hedduu kan nama Onnachiisuudha. Kana irra yoo hojjatame ammoo, waan barbaadu bira ga’uuf humni isa dhawwu akka hin jirre shakkiin hin jiru. Ummata Oromoof har’a waa’ee Seenaa fi kkf kaasanii dubbii akka hubatu itti himuun barbaachisaa miti. Kan lubbuun jiru hundumtuu, Siyaasa addunyaa kanaa fi Biyya Itoophiyaa jedhamtu akka gaaritti kan hubate fi akkaataa gabrummaa jalaa ba’uu irratti qofaa, wal gorsaa fi wal akeekuu irra ga’ee jiraa jechuu dandeenya. Warri waa kataban ykn dubbisan Ummata kanatti waan jiru himuuf yk hubachiisuuf, seenaa fi fakkaanya tarrisun yeroon isaa dabreera. Waan jechuu barbaadan suduudaan itti himu qofaadha. Kana irra geenyaan ammoo, sadarkaa irra geenye irraa duubatti akka hin deebinee fi waan hegaree keenyaaf rakkoo dhalchuu danda’u qofaa wal akeekanii hojiitti bobba’uu qofaatu furmaata ta’a jecuudha. Kanaaf, har’a Qabxiilee sochii nuuti amma itti jirru irraa duubatti nu deebisuu malan tokko, tokko fi yaada nu fayyadu jedhee yaade irratti, yaada mataa kiyyaan kaasuu barbaada. Qabxiileen kunneen:-

1. Hayyuu jechuun maal jechuudha?

2. Sirni Gadaa Oromoo, akka bara hammaayyaa kanaatti, Sirna Mootummaa Oromoo jechuu mitii?

3. Carraan caalaatti humna nu taasisu ga’eera!

4. Dhuguma Qabsaa’oonni Tokkoomu dhabuu qofaatu Qabsoo kana harkisaa jiraa?

5. Nuuti odoo of hin Bilisomsiin, Biyya Bilisoomsuu ni dandeenyaa?

6. Diigamuu qofaa odoo hin taanee, Diiguus barachuu qabna. Bilisummaa keenya mirkaneessuuf,saboonni ollaa Oromiyaas Bilisummaa gaafachuu akka eegalan taasisuu qabna.

7. Ol-aantummaa Qooqa tokko dhaabuuf, qooda ilmaan Oromoo gama sanaan jiru deeffachuu irratti hojjachuu qabna.

————-

1. “HAYYUU”:

Afaan Amaaraa keessatti, jecha Afaan/qooqa Oromoo “GUDDIFACHAA”jedhamuf hiikkaa guutu kennu hin jiru. Guddifachaan kun, Afaan Amaaraan isa “Maadagoo yk ye- maadagoo lijii” jedhamu sana irra hiikkaa quubsaa waan qabuuf Afaan Amaaraa cabsee fudhatama argateera. Maadagoon kun, mucaa maatii malee gargaarsaan guddachuu qofa kan ibsuudha. Arrabsoofuu dhihoodha. Guddifachaan garuu, seera mataa isaa kan qabu, guddisuu irra dabree, Lammummaa argachuu fi qabeenyaa dhaaluu faa’aa kan Nama dandeessisu of keessatti kan hammatee fi, waan jedhamu barbaadu ibsuuf filatame. Kana malees, seeruma dhaabbilee mit-mootummaafu bu’ura ta’e. Warri Addunyaan nu harka jirtii jedhan, dhaabbilee mit-mootummaa ofiin gaggeessan keessattillee, ijoollee karaa seeraa fi hannaan fudhataniif seerri baafatanii jiran, hiikkaa guddifachaan qabu keessaa dhibbeentaa 40 illee hin guutu. Waan kanaan wal gitu illee hin keewwatiin jiru. Egaa jechi Guddifachaa jedhu kun hiikkaa fi waan ibsuun barbaadamuuf guutu ta’uu isaan bakka qabatee jira. Afaan Oromoo keessatti jechoonnii gonkumaa hiikkaa biraan bakka busuu hin danda’amne hedduutu jira. Akkasuma jechoonni, jechoota Afaanuma Oromoo biraanis bakka buusuu hin dandeenye danuudha. Addatti waan Aadaa fi seera Umamaa wal qabatanii jiran, jechootaan bakka buusuun ni ulfaata.

Afaan gabrummaa jala ture ykn ittiin hin hojjatamiin jiraate, akka isa umama isaa qulqulleessanii itti fayyadamuun hin danda’amu. Waa hedduu makata. Umamni Namaa waanuma salphaa fi isa bira jirutti dhimma ba’uu waan filatuuf, isa Umamaan jiru yk Orjinaala qoratee baasee ykn hiikkaa sirri isaaf kennuu fi quubsaa ta’een fayyadamu dhiisee, waanuma balbala isaa irratti argateen dubbatee ofirraa baasuu barbaada. Kun ammoo, qooqa saba Sanaa akkaan miidha. Afaan Oromoo har’a kan miidhaa jiru, guddina Afaan kanaaf gumaacha nu irraa eegamu ba’achuu dadhabuu caalaa, seeraa fi akkaataa dubbannaa ykn Afaan Amaaraan yaadaa Afaan Oromoon dubbachuuf yaaluu keenyadha. Kun akka salphaatti kan nama keessaa baduu miti. Halakanii fi guyyaa irratti hojjachuu barbaada. Mee har’aaf jecha Afaan Oromoo Ganamaa “HAYYUU” jedhu haa ilaallu.

Jechi kun iddoo isaa malee seenee Umama isaa irraa jal’ifamaa jira. Ulfina Umamaa qabu dhabsiisaa jirra. Maqaa Umamaa fi maalummaa saba kanaa ibsu, waraqaa faranjiin ykn barnoota hammaayyaan argannuun walitti maxxansaa jirra. Hayyuu jechuun maalii? Oromoon hiikkaa maalii kennaaf? Hayyummaa kanneen goonfatan eenyufaati? hunda dura, Hayyuummaan muudama malee badhaasa miti. Jechi “Hayyuu” jedhu kun gonkumaa jecha “Beektoota” jedhuun bakka bu’uu hin danda’u. jechii beektoota jedhus, jecha Hayyuu jedhun bakka bu’uu hin danda’u. akka isa Guddifachaa san.jechi Hayyuu jedhu, Umama Gadaa waliin kan umameedha. Yeroo tokko tokko sochiileen ittiin mul’achuuf yk Sabboonummaa nutti fakkaatee hojjannu, waan qaalii addunyaa irratti kan keenya qofaa ta’ee, odoo hacuuccaa jalaa ba’ee Ummaticha ittiin hin boonsiin qacaleetti kan balleessinu hedduu ta’uu hubachuun dansaadha. Gadaan Sirna. Mucaa Dhalatuf Maqaa isaa Gadaa yoo itti Moggaasan, Guddatee sirna mataa isaa waan qabuuf hammeenya hin qabaatu. “GADAA” Waan boruu addunyaan ittiin nu beektu jennee mararfannu, yaadannoomaaf jennee, “Mana shaayeef”, “Gamoolee adda addaaf”, “Manneen nyaataaf” … kkf yoo Moggaafnee, Kabajaa Gadaaf qabnu mul’isuu natti hin fakkaatu. Waan mararfannuu hundaa halagaan nu irraa ilaalee akka caalaatti hin salphifneef of eeggachu barbaachisa.

Haaluma kanaan, Jecha “Hayyuu” jedhu kana hundee isaa irraa kaasanii qorachuu gaafata. Hayyuu fi waan baranee kun gonkumaa wal hin argatu. Gadaa keessatti Hayyuu jedhamuuf, yoo xiqqaate waggaa 40 gadaa keessa dabranii, waggaa 40-48 tti Ummata Bulchanii, 49 kaasee gorsitummaan tajaajila kennan keessatti kan namaaf kennamuudha. Hayyummaan waan umuriin achi geesseef qofaa kan kennamuu miti. Ga’een abbaa Sanaa, bu’aa inni Ummata isaaf buuse, jireenya hawaasummaa keessatti qooda inni qabu kkf gadi fageenyaan ilaalanii Hayyummaa goonfatu. Hayyuummaan waan Ummata ofii irratti Namaaf kennama. “Hayyuummaan” kan baraneen warra Gorsitoota mataa Biyyaa jechuudha. Dhimma Ummata isaa irratti Nama guutuu jechuudha. Hubannoo ga’aa kan qabuudha. Safuu, aadaa, hooda, seera Umama Oromoo, kkf akka quba harkasaatti Nama lakaa’ee beekuuf kennama. Umama Ummata isaa kaasee kan jiru hubachuu fi jiraachiisuu hundaa hammata. Gabaabaatti Hayyummaan waan koleejaa fi Faranjiin Namaa keennituun, gonkumaa hin madaalamu. Aarsaa walakKaa Umurii ofii Ummata ofiif kennuun madaalama. Kana irra taree Hayyuu Ummata Ofii ta’uun Kabajaa ol aanaadha. Kabajaan kun, isa “Dokitara Kabajaa” jedhamee Namaaf raabsamu Sanaa miti waaqaa fi lafa.

Warri Ummata isaaniif Umurii guutuu dhama’anii sirna Abshaalummaaf jedhee Dokitara kabajaa jedhamee kennameef qabatanii jiran, Kabajaan “HAYYUMMAA” Oromoo keessa jiru odoo hubatanii, kan har’aa kana ofirraa darbatu turan. Warri muudanis, kabajaa Hayyummaa osoo beeku ta’ee, Maqaa Namaa maxxansan kana hin faarsan turan. Gadi fageenyaan hubachuun kan nama barbaachisu, Hayyuummaan Gadaa keessa dabruun akka ta’edha.itti aansee dhimma Ummata isaanii waliin Umurii guutuu kan ifaajjanii fi waan Oromoon qabu keessaa tokko fi lamatti hubannoo fi beekumsa gadi fageenyaa yoo qabaatan kabajaan kun kennamuufii danda’a. Hayyummaan barumsa hammayyaan gonkumaa wal hin beekan. Hayyummaan Gadaa fi Ummata ofii keessa jiraatanii dabruu fi waan keessa dabran sanaan Ummata ofii tajaajiluu irraa kan muudaman malee, waan baranee qo’atanii kan argatan akka hin taaneedha.

Kanaaf, Hayyummaan, beektoota waan addunyaa qoratanii waa’ee Ummata isaaniif dantaa hin qabne, waa tokkollee bu’aa hin buufne, waan barataniin illee Ummata isaanii bira hin dhaabbanne, beekumsa isaaniin Ummata isaaniif qooda hin gumaachinef kan maxxanfamu akka hin taane haa hubannu. Kana caalaatti hubachuuf, warra Gadaa keessa jiraachaa jiruu fi waa’ee gadaa beekan gaafachuun gaariidha. Oromoon Hiikkaan Hayyummaaf kennu, addunyaan waan qabdu natti hin fakkaatu. Sababaan ammoo, Gadaa kan beekuu fi ittiin jiraate Oromoo qofaa waan ta’eef. Barnooti Fayyaa ykn herreegaa ykn Qonnaa ykn siyaasa addunyaa kkf irraa argamu, hiikkaa Hayyummaaf kennamu keessaa dhibbeentaa 1 illee hin guutan. Kanaaf Maqaa Ulfaataa fi Kabajaa guutuu qabu kana barnoota waggaa 15 faa’aan hin ibsiinaa. Bilisummaan booda Maqaa kabajaa Gootawwaan keenya Umurii guutuu Ummata isaaniif of kennaniif yoo laatameellee itti hin gaabbine kana, Ulfna dhabsiisuu odoo dhiifnee dansaadha jedheen yaada.

2. SIRNI GADAA OROMOO, SIRNA MOOTUMMAA OROMOO JECHUU MITII?

Seenaa keessatti Oromoon bara durii sirna Gadaan bulaa turu ittiin boonnee dubbanna. Saboota addunyaa keenya keessaa kan qubaan lakaa’amantu, sirna Ummata isaanii ittiin Bulchan qabu turan. Kanneen keessaa Oormoon isa hangafa. Gadaan buluun Oromoo waan bara hammayyummaa kana keessa dhufe kana dhabuu irraa miti. inumaa sirnoota har’allee addunyaa kana irra jiran hedduu keessaa guutummaatti sirna Dimokiraasii isa haqaa kan dhugeessuu Gadaadha yoon jedhe, dhugaa irraa fagaachuu miti. haqi tokko garuu jira. Bara Gadaan tumamee waan turee fi haalli har’a jiru wal hin simu ta’a.Sirni Bulchiinsaa fi seeraa yeroos ture fi har’a jiru wal fudhachu dhiisuu mala. Haa ta’uutii waan Gadaa keessa jiru seeraa fi sirna Bulchiinsa addunyaa kanaaf bu’ura. Oromoon waggaa 600 dura Abbaan Gadaa waggaa 4 ykn 8 tti yeroo Angoo isaa akka xumuratu seera isaa keessaa qaba ture. Wal harkaa fuudhiinsi isaas karaa Dimokiraasii isa haqaati. Angoo yeroo itti fudhatuu fi Angoo kennu dhaloota isaa irraa kaasee waan beekuuf mufiin tokkollee hin jiru.

Ameerikaa Addunyaa irratti madda Dimokiraasii jettee of muuddee illee, sirna kana fakkaatu ega eegaltee kunoo waggaa 245 hin caalu. Oromoo booda waggaa 340 ol jiru jechuudha. Egaa Sirni Gadaa kabajaa akkasii qabu kun, Oromoon odoo Biyya isaa dhuunfatee, akkamiin waan baranee kanaan wal simee Ummata kanaaf Mallattoo isaa ta’aa? Akkamitti hojii irra oolaa? Caasaa isaa fudhannee, seera isa hammayyaa itti idaana moo, Sirna Gadaa waggaa 600 duraa akka jirutti gadi dhaabnaa? Moo akka OPDOn har’a gochaa jirtu, Wallaalaan Bulchiinsa qabatee, Abbootii Gadaan, caffee Abbootii Gadaa jennee Aadaa qofatti hiinee keenyaa? Gaaffiilee kana caalaa kaasuun ni danda’ama. Beektoonni fi Namoonni siyaasaa keenya wal ta’anii waan kana sirreessanii fi waan ta’uu danda’u hojjatanii dhaloota itti aanuuf yoo hin kaa’iin, Gadaan seenaa ta’ee hafa jedheen sodaadha. Dhalooti itti aanu Gadaa dhaga’uu malee, amma dhaloota kaleessaa hubannoo qabaachuu dhiisuu mala jedheen yaada.

Kanaaf humni/Namni dhimmi kun isa ilaallatu, Dhimma Sirna Gadaa kana, warra Suufii Uffatu warra siyaasa hammayyaa taasisanii, Abbootii Gadaa Uffata Aadaan daangeessuun kun dhaabbachuu qabaa jedhanii,waan mallattoo Ummata kana hojiin argisiisuuf hojjachuu qaban. Abbaa Gadaa jechuun kan hammaayyaa kanaan maal akka ta’e, kkf hojjatee kana dhalootaaf kaa’ee ani argees, dhaga’ees hin beeku. Gadaan akkaataa sirna Hammayyaa kanaaf wal fudhachuu danda’us, ykn isa hammaayyaa adaa keessatti akkamiin akka hammatamus kan of harkaa qabu yoo jiraate, dhalootaa fi Ummata har’umaa yoo hin barsiisin, ibsaa okkotee keessaa ta’uu irra hin taru. Sirna Gadaa keessa kan jiran, seeraa fi sirna Gadaan kan jiraatanii, Barumsa hammayyaan Dokitaraa fi Injinara ta’an akka jiran wal hubachiisuun gaariidha. Waan Biyya keessatti wayyaaneen taasisaa jirtu yoo fudhanne, Gadaan Oromoof sirna. Sirna Mootummaa Oromoo. Sirna Ummati Oromoo waligala jalatti bulu. Maarree OPDOtu Sirna Gadaatti dhufee of sirreessuu qabamoo, Abbootii Gadaa Adaamaa fi Finfinnee gidduu Bishooftu keessatti maadheffatantu Sirna Gadaa fuudhee OPDOtti makamee sirna gadaa fudhachiisa? Sirna Fedaraalizimii keessatti Oromoon sirna Gadaan buluu yoo barbaade waliif ta’uu? Kan ta’u hin fakkaatu. Kanaaf wayyaaneen Bishooftuutti achi dhiibdi. dhimmi kun suuta ilaalamuu danda’aa kan jedhu jiraachuu danda’a. Garuu yoo har’a eegalee, waggaa 20 booda milkaa’uu danda’a. dhalooti har’aa garuu waan ijaan argaa jiru kana qalbifataa deema. Yoo xiqqaatee waan jiru karaa danda’an yoo itti himan karaatti deebisu ta’a jedheen amana. “Gogaa Laafaatti Maruu” kanan jedheef kanaafi. Beektoonni gama kanaan beekumsa ga’aa qaban, kana irratti walitti dhufanii waan qajeelu qabu qajeelchanii, boruu Oromiyaa walaboomte keessatti Gadaan akkamiin sirna Ummatichaa akka ta’uu danda’u irratti har’uma hojjachuu qaban. Sochiin siyaasaa maalitti ba’a laata? jedhanii alaalatti dubbii eeggachuun hin taatu. Beektoonni keenya, karaa Afaanii /qooqaa, Aadaa, jiruu jireenyaa, kkf beekumsa ga’aa qaban, dandeetti ga’aa qaban, haala siyaasaa fi qabsoo Oromoo eeggachuu qofaa odoo hin taanee, qooda isaanii karaa danda’ameen yoo gumaachan, dogoggora boruudhalatu malu hanbisuu akka danda’an beeku qaban. Ta’uu baannaan, beekumsa Ummataa sammuutti qabatanii qofa dabruutu dhufa. Yaada itti dabaluu dandeessu.

… Kutaa 2ffaan itti fufa.

HORAA BULAA!

SEENAA Y.G(2005): burqaa430@gmail.com