Afaan ofii barachuuf ummata 40,000 keessaa 4 dhabamuun  Calaqqisa haala yaaddessaa keessa jirruuti

(Boruu barraaqaa) | Bitootessa 18, 2015

Mata duree kana yeroo dubbisu Oromoon ofitti hin hin gaddine yoo jiraate inni rakkoo akkamii akka qabu mooji. Gariin namoota keenyaa, lakkii wanti kun gurra guddisa malee dhugaa miti jedhanii of jajjabeessuu yaalani. Garuu dubbichi dhugaa dha. Warruma waan kana harkaa qabutu lallabatee dadhabee nama irraa dhagahu dhabee itti dhiise.

Haa tahu malee gaaffiin kun gaaffii jalaa dheessanii bahanii miti. Gaaffii irriba nama dhowwatu. Ani yoo xiqqaate eegan dubbii kana dhagahee qabee guyyaa lamaaf walitti aansee irriba rafuu hin dandeenye. Maali rakkoon keenya? Ummata Oromoo kutaa Minessota qubatu 40,000 olitti tilmaamamu keessaa namni ijji 4 illee kan fedhiidhaan afaan ofii baratu dhabamnaan akkamitti namaa liqimfama? Sababa kanaanis kooleejiin sun beeksisa baasee dadhabee departemet afaan kanaaf banee ture cufuu jechuun maal jechuu dha? Kana yoo dhageenyu akka Oromootti maaltu nutti dhagahama? Sirnaa fi qulqullina barnoota koleej sanitti kennamutu rakkoo qabaa? Yoo qabaate warra barsiisuu fi warra carraa kana nuu baneen mariyatanii sirna barnootichaa foyyeeffachuun hin danda’amuu? Mee sababuma akkamii himannee qaanyii akkasii jalaa of golguu dandeenya, ambayyoo? Warri carraa akkasii Oromoof kennee gaafa Oromoo kumaatama keessaa kan dhaqee baratu dhabamnaan hiree kana cufan, nu ummata ‘’Oromoo’’ jedhamu kana akkamitti laalani?

Akkuman waan kana dhagaheen, hiriyoota koo naannoo Habashoonni baayátan kan akka DC faa irraa waan tokko tokko qorachuun yaale. DC keessatti Habashoonni hiree wal fakkaataa akkasiitti garmalee fayyadamuudhaan afaan isaanii akkaan gabbifachaa jiraachuun mirkaneeffadhe. Silayyuu gaheeyyii fi manguddoonni isaanii sirna mootummaa isaanii kan Amaariffi afaan hojii itti tahe baroota dheeraa dabarse keessaa bahan waan taheef waan haaraatti baratan hin qabani. Akkas jedhanii garuu tajaajila tolaa akkasii of irratti hin cufsiifne. Ilmaan isaanii biyya faranjii keessatti horan itti barsiifachaa jirani.

Nuti Oromoon garuu gaheeyyii fi manguddoota keenya warruma sadarkaa PhDiitti barate illee dabalatee, kanneen carraa beekumsa afaan ofiitiin barreessuu fi dubbisuu argatan lakkoofsi isaanii haalaan xiqqaa dha. Obboleessi kiyya Minessota keessatti qorannoo bicuu takka dhimma kana irratti taasisee beeku tokko akka natti himetti, Oromoonni afaan ofiitiin barreessuu fi dubbisuu sirriitti danda’ani 20% hin caalani. Silaa ammoo nuti Oromoon Habashoota caalaa afaan keenya baruu fi barsiisuu irratti xiiqeffannee duuluutu nurraa eegama ture. Afaan keenya akka reef owwaalcha keessaa bahee guddachuu jalqabaa jiru hunda keenyatu itti walii gala. Kanaaf jecha afaan Habashaa waggaa dhibba caalaa nurratti saaree afaan keenya ukkaamse jalaa bahuuf xiiqii uumamaa qabaachuutu nurra ture. Xiiqii san bal’inaan horannee duula afaan keenya baruu fi barsiisuu irratti wal hin kakaafnu taanaan hegereen keenya sodaachisaa dha.

Akkan hubadhutti guddinni Afaan Oromoo biyya ambaa bakka mirgi baláan jiruu mannaa, biyyuma keessa, iddoo diinni gad nu qabu san keessatti bifa abdachiisaadhaan deemaa jira. Sababni isaa ammoo waan gurguddaa sadi:

  1. Oromiyaa keessatti namni hará mana barnootaa dhaqu kamuu jaalatus jibbus afaanuma kana, Afaan Oromoo barata. Barnoota barachuun hanga dirqama tahetti Afaan Oromoo baratuunis dirqama.
  2. Gaheessonni bara Afaan Oromoo afaan hojii fi barnootaa hin tahin dura barnoota xumuranii hojii irratti bobba’anis, afaan ittiin hojjetamu Afaan Oromoo waan taheef seera Qubeedhaan barreessuu fi dubbisuu baratuun dirqama isaanii ti. Sana tahuu baannaan yoo hangamuu Oromoo qulqulluu tahanii fi hangamuu baratan Afaan Oromootiin barreessuu fi dubbisuu hin dandayan taanaan dalagaa argachuun hin jiru. Dalagaan hin jiru taanaan ammoo jireenyi hin jiru.
  3. Kan biraa ammoo, biyya keessatti namni keenya Oromoo akka caalaatti xiiqeffatee afaan ofii baratuu fi barsiisu kan godhu guyyaa guyyaan halagaa biyya Oromiyaa dhaale waliin hudha wal qabaa kan oolu tahuu isaa ti. Kun daranuu xiiqii isatti uumee afaan ofii kunuunsuu fi guddisuuf isa kakaaseera.

Faallaa kanaan yoo laallu, biyya ambaa keessatti qabxiileen olitti kaafne kun sadan hin jirani jechuutu dandaáma. Biyya ambaa keessatti barnoota barachuuf jecha Afaan Oromoo barachuuf hin dirqamamu. Dalagaa argachuuf jechas beekkomsi barreessuu fi dubbisuu Afaan Oromoo hin gaafatamu. Jireenya guyya guyyaa keessatti halagaa masaanuu akka Habashaa waliin wal arguu fi sanaaf xiiqeffatanii afaan ofii gabbisuuf carraan nama kakaasus dhiphaa dha. Kun kun walitti ida’amee biyya ambaa keessatti akka namoonni baayéen dhimma kana irratti harkifatoo tahan godheera.

Namoonni keenya biyya ambaa kun hanga ummata keenya biyya jiruu afaan ofiitiif quuqamaa fi jaalala dhabaniiti jechuun illee hin danda’amu. Garuu waan ifa hin tahin tokkotu jira. Gariin keenya afaan ufii beekuu jechuun dubbachuu fi dhagahuu qofa gooneetuma hubanna. Afaan tokko beekuun garuu akka seera afaaniitti dandeettii afran jechuunis: dubbachuu, dhagahuu, barreessuu fi dubbisuu guuttachuu qaba. Akkasitti yoo laalle, namootni keenya ‘afaan keenya durattuu ni beeyna’ jedhanii of hubatan Afaan Oromoo kana 50% qofa beeku jechuu dha. Dubbachuu fi dhagahuun qofti dandeettii afaan tokkoo guutuu hin gootu waan taheef.

Hanqinni akka salphaatti laallu kun ammoo hanqina irra fokkataa biraatti nu qajeelchaa jira. Sunis hogbarruun afaan keenyaa akka hin guddanne mataa irra gad ejjetaa jira. Namoota keenya ala kana guutan keessaa kan afaan ofii barreessuu fi dubbisuu dandaána haalaan xiqqaa waan tahaniif , kitaaba Afaan Oromoo bitanii dubbisuuf fedhiin jirus akkasuma hedduu gad aanaa dha. Hogbarruun ammoo meeshaa guddiftuu afaanii kan hiriyaa hin qabne. Afaanonni har’a addunyaa kana irratti bal’atanii beekaman kan akka English, French, Spanish, Arabi fi kan biroo wanni ittiin dagaaganii as gahan irra guddaatti karaa hogbarruu isaaniitiin yoo jenne kijiba hin tahu. Amaarinyaa illee yoo tahe, karaan ittiin biyya Itoophiya sana liqimsee warra barumsa barate biratti babal’ate inni guddaan tokko karaa hogbarruu afaanichaa ti.

Afaan Oromoo hogbarruun isa akkuma dadhabaa tahetti yoo hafe, naannoo sana keessatti afaan dorgoomaa tahuun ulfaataa dha. Har’a hogbarruu Oromoo guddisuuf beektonni saba kana keessaa bahan hanga humna isaanii tattaafachaa jirani. Garuu hogbarruun kun kan hogbarruu guddataa fi dorgoomaa tahuu danda’u yoo sabichi kitaabban san bitee dubbisee, jabina jiru faarsee laafina jiru qeequu danda’e qofa. Har’a ciminni barreessitoota Oromoo sadarkaa kam irra jira jedhanii gamaaggamuunuu rakkisaa taheera. Maaliif yoo jedhame, jabina barreessaa tokkoo kan gamaaggamuu danda’u saba hogbarruun sun barreeffameef qofa. Sabni sun ammoo quufsaadhaan hogbarruu afaan isaa bal’inaan dubbisee madaalee, jabaa isaa jajjabeessee dadhabaa isaa qeeqee jabinatti jijjiiruuf bakka san hin jiru.

Keenya rakkoon gama afaan ofii barreessuu fi dubbisuu, akkasumaas hogbarruu ofii guddisuu hanqachuu qofas miti. Aartii sabichaa kanuma dandeettii barreessuu fi dubbisuu nama hin gaafanne irratti illee haalli mul’atu qaanfachiisaa dha. Har’a ogeeyyii aartii keenyaaf haa galatuutii, fiilmiileen Afaan Oromoo biyya keessattis alattis mumul’achaa jirani. Fiilmiilee kana mee meeqan keenyatu seennee daaw’annee warra fil sana dalaguuf humnaa fi maallaqa isaanii itti wareegan jajjabeessaa jirra?  Biyya Oromoon 40,000 ol jiru keessatti nama meeqatu fiilmii waggaa tokko guutuu itti dhama’amee hojjetame sa’aa 1:30 gad taa’ee daaw’achuuf obsa qaba? Kitaaba tokko dubbisanii fixuuf torbaan tokko kan namatti fudhatu taanaan kitaaba bituun nuffame yoo kan jennu taate, fiilmii tokko daaw’achuuf yoo baay’ate sa’aatii lama wareeguun maaliif nutti hadhaahe? Teyaatera yoo tahe silaayyuu hin qabnu jechuutu salphata. Fakkii fi bobbocaanis artiistii Oromoo ol bahee mul’ataa jiru maqaa dhahuun hin danda’amne. Artiistonni Oromoo hojii graphics irratti bobba’n biyya keessaa fi biyya alaas hamilee hojii isaaniin gitu yoo hawaasa irraa argatan hin mul’atu. Kunis sadarkaan keenya guddina aartii keessatti hangam akka gadi kufee jiru agarsiisuuf ragaa biraa ti. Guddinni Aartii Oromoo muuziqaa qofaan ibsama yoo tahe sun yaaddessaa dha. Kanaafuu akkuma waggoota muraasa dura ‘hawaasa Oromoo keessatti warraaqsi aartii fi hogbarruu dhoowuu qaba’ jedhee ture, (http://gadaa.com/oduu/9717/2011/06/15/the-need-for-the-arts-and-literature-revolution-in-the-oromo-society-the-considerable-concern-of-the-time/) har’as sanuman gad jabeessa.

Rakkoon teenya tana qofa akka hin tahin fakkeenya dabalataa tokko kaaseen barruu tana goolaba. Bara 2006 irraa qabee Ameerikaa keessatti sagantaa ’Run For Oromia’ jedhu kan esponsarummaa abbaa qabeenyaa Oromoo Obbo Mike Abbabeetiin geggeeffamuu eegaletu ture. Sagantaan sun Oromoo addunyaadhaan wal barsiisuu keessatti qooda akkaan oláanaa gumaachee dabre. Sagantaan waggaatti al tokko qophaahuu eegalee ture sun waggoota sadan tokko caalaa itti fufuu hin dandeenye. Sababni maali yoo jedhame, Obbo Mike maallaqa baasuu dhibaahee miti. Yoon dogoggoruu baadhe, bara dhuma irratti sagantaan sun qophaahe 2010 keessa dogoommii fiigichaa Run For Oromia kan Minneapolis keessatti tahe irratti namoota gara 30tu hirmaate. Isaan kana keessaa Oromoon nama 3 qofa akka ture afaan Obbo Mike irraa dhagaheen amanuu dadhabe. Booda viidiyoo isaa yoon argu garuu amanuufan dirqame.  Nan yaadadha, namni Siiban Abbichuu jedhamu tokko dhimma kana irratti waa barreessee ture. (http://gadaa.com/oduu/4981/2010/07/24/where-were-oromos-while-the-others-running-for-oromia-opinion/) Kana faa maal jenna?

Hanqinoota kana fafakkaatan keessaan yeroo of madaallu, kufaatii fokkisaa keessa jiraachuu keenya agarra. Haala kanaanis biyya keenya irratti abbaa tahuuf qabsoo itti jirru caalaatti ulfaataa gochaa jirra. Diinni hojii koo jedhee dadhabbionoota keenya kana jala bu’ee madaalu tokko, akka itti waggoota dhufaa jiran 1000f (kuma tokkoof) itti fufee nu gabroonfatu irratti karoora baafata. Nuti har’a diina komachuu irratti bakka jirruu afaan tokko dubbanna malee(sun jabina keenya tahuyyuu), waan harka keenya keessa jiru garuu tottolfannee meeshaa qabsoo fi guddinaa godhachuu hin dandeenye. Waan harkaa qabnu jabeeffachaa waan diinni nurraa fudhate deebifachuutu nurraa eegama. Waan hundumaafuu diina qofa gaafatama gochuun nurra hin jiru. Eega bakka diinni hin jirrettis waan keenya guddifachuu irratti laafina garsiifnee, boru yoo diinni mataa keenya gubbaa irraa bu’es jabina kana caalu ni mul’ifnaa laata kan jedhu gaaffii dha. Gaaffii hamtuu fi sodaachiftuu tana deebisuuf namuutuu asumaa achi of haa qopheessu.